Hatattammaan Kan Gadhifamuu
Qunnamtii: Siintiiyaa Saantaana/Hoggantuu Komunikeeshinii
206-256-5219
cynthia.santana@seattle.gov
LabsiinMirga Hojjettoota Seattle Kanneen Aappi irratti Bu’uureffatan[CS1] Hojii dhaabsisuu Hojjettoota Haaraaf Eegumsa Diyeessa
Amajjii 1, 2025 Kan Hojiirra Oolu
Seattle, WA – (Amajjii 6, 2025) – Seattle Office of Labor Standards (OLS) gaafa Amajjii 1, 2025 irraa eegalee Labsiin Mirga Hojjetoota Aappii irratti Bu’uurreffatanii dhaabsisu hojiirra akka oolu beeksiseera. Seerri kun hojjettoota appii irratti bu’uureffatan tokko tokko (giigii jedhamuun kan waamaman) of keessatti kan haammatu yoo ta’u, akkasumas hojjettoota baasiin isaanii haguugamuuf mirgaa fi eegumsa hojii dhaabuu wajjin walqabatan hedduu ni kenna.
Amajjii 1, 2025 irraa eegaluun, Labsiin Mirga Hojjetoota Aappii Irratti Bu’uureffatanii hojjetoota aappii irratti bu’uureffatan yeroo aappicha fayyadamuun galii argatanitti ugguramuu ykn “dhaabsifama” haqa maleessa ta’e irraa kan eegu dha. Hojii irraa dhaabsisuun dandeettii hojjetaan tokko dhaabbata neetiworkii tokkoof tajaajila raawwachuu dhaabbataa ykn yeroof kan ugguruudha.
OLS aangoo raawwachiisummaa Amajjii 1, 2025 fi Caamsaa 31, 2027 gidduutti daangesseera. Yeroo kana keessatti, OLS dhaabbati neetiworkii dhimmoota armaan gadii dhiyeessu isaa qorata:
- Beeksisa Mirgootaa;
- Imaammata hojii dhaabsisuu;
- Ragaa hojii dhaabsisuu mirkaneessu;
- Qajeelfama hojjetaan hojii dhabsifamuu isaa ittiin mormuu; fi
- Hojjetaa aappii irratti bu’uureffate erga dhaabsisanii tarkaanfiiwwan barbaachisoo duraa fi boodaa hordofaman.
OLS dhaabbati networkii tokko sababa hayyamaan hojjetaa tokko akka hojii dhaabsise hanga Waxabajjii 1, 2027 tti qorachuu hin danda’u. Yeroo kamittuu, OLS dhimma haaloo bahuu qorachuu danda’a.
“Seattle seera hojjettoota appii irratti bu’uureffatan kanneen sababa malee hojii irraa dhaabsifaman eegu baasuun biyya jalqabaati. Hojjettoonni appii irratti bu’uureffatan yeroo amma maaliif akka hojii irraa dhaabsifaman, dhaabbati neetiworkii murtoo isaa murteessuuf odeeffannoo akkamii akka fayyadame, akkasumas akkamitti mormuu akka danda’an beekumsa akka qabaatan gochuun, kunis tasgabbii fi nageenya hojii akka qabaatan uumuu danda’a,” jedhan Daarektarri OLS Isteveen Marchiisi. “OLS dhaqqabummaa, barnoota, fi maddeen gara garaa hojjettootaa fi dhaabbilee neetiworkii lamaan isaaniif ni kenna, kunis namni hundi mirgaa fi itti gaafatamummaa isaa kan Labsiin Mirga Hojjetoota Aappii Irratti Bu’uureffatanii Dhaabsisuu jalatti qabu guutummaatti akka beeku ni taasisa.”
Odeeffannoo fi maddeen dabalataa waa’ee Labsiin Mirga Hojjetoota Aappii Irratti Bu’uureffatanii Dhaabsisuu fi seerota hojjetaa appii irratti bu’uureffatan kannen akka Kaffaltii Yeroo Dhukkubaa fi Yeroo Nageenyaa Hojjetaa Appii-Irratti Bu’uureffatee akkasumas Labsii Kaffaltii Xiqqaa Hojjetaa Aappii Irratti Bu’uureffatee daawwachuuf maaloo fuula marsariitii Labsii Hojjetaa Aappii Irratti Bu’uureffatee OLS as cuqaasuudhaan daawwadha. Gaaffii yoo qabaattan, maaloo 206-256-5297 irratti bilbilaa yookan iimeelii laborstandards@seattle.gov irratti ergaa.
- Gargaarsa Dhaabbattoota neetiworkiif: deeggarsa istaandardii hojjettoota Seattle wal simu bilisaa fi dhuunfaa argachuuf lakk 206-256-5297 irratti bilbilaa, imeelii gara business.laborstandards@seattle.gov ergaa yookaan as tuquun unka gaaffii marsariitii irra jiru guutaa.
- Gargaarsa hojjetootaa fi hawaasaa aappii irratti bu’uureffatanii: gaaffii gaafachuuf, komii dhiyeeffachuuf, yookaan odeeffannoo kennuuf, 206-256-5297 irratti bilbilaa, iimelii gara workers.laborstandards@seattle.gov ergaa, yookaan as tuquun unka marsariitii irra jiru guutaa.
###