Hatattammaan Kan Gadhifamuu
Qunnamtii: Cynthia Santana /Hoggantuu Komunikeeshinii
206-256-5219
cynthia.santana@seattle.gov
Amajji 1, 2025 hojiirra kan oolu, Labsiin Mirga Hojjettoota Seattle Kanneen Aappi irratti Bu’uureffatan Hojii dhaabsisuu Hojjettootaf Eegumsa Diyeessa
Seattle, WA – (Muddee 11, 2024) – Seattle Office of Labor Standards (OLS) akka beeksisetti gaafa Amajjii 1, 2025 irraa eegalee Labsiin Mirga Hojjetoota Aappii irratti Bu’uurreffatanii dhaabsisu hojiirra akka oolu dha. Seerri kun hojjettoota appii irratti bu’uureffatan tokko tokko (giigii jedhamuun kan waamaman) of keessatti kan haammatu yoo ta’u, akkasumas hojjettoota baasiin isaanii cufamuuf mirgaa fi eegumsa hojii dhaabuu wajjin walqabatan hedduu ni kenna.
Amajjii 1, 2025 irraa eegaluun, Labsiin Mirga Hojjetoota Aappii Irratti Bu’uureffatanii hojjetoota aappii irratti bu’uureffatan ugguramuu ykn “dhaabsifama” haqa maleessa ta’e irraa yeroo aappicha fayyadamuun galii argatanitti kan eegu dha. Hojii irraa dhaabsisuun dandeettii hojjetaan tokko dhaabbata neetiworkii tokkoof tajaajila raawwachuu dhaabbataa ykn yeroof kan ugguruudha.
Amajjii 1, 2025 fi Caamsaa 31, 2027 gidduutti OLS aangoo raawwachiisummaa daangesseera. Yeroo kana keessatti OLS dhaabbati neetiworkii dhimmoota armaan gadii dhiyeessu isaa qorata:
- Beeksisa Mirgootaa;
- Imaammata hojii dhaabsisuu;
- Ragaa hojii dhaabsisuu mirkaneessu;
- Qajeelfama hojjetaan hojii dhabsifamuu isaanii itti morman; fi
- Hojjetaa aappii irratti hundaa’ee erga dhaabsisanii tarkaanfiiwwan barbaachisoo duraa fi boodaa hordofaman.
OLS dhaabbati neetiworkii tokko sababa heyyamaan hojjetaa tokko akka hojii dhaabsise hanga Waxabajjii 1, 2027 tti qorachuu hin danda’u. Yeroo kamittuu, OLS dhimma haaloo bahuu qorachuu danda’a.
“Magaalaan Seattle ammas eegumsa hojjettootaa fi mirga hojjettootaa appii irratti bu’uurrefateen saba dursaa jirti. Daarektarri OLS Isteeven Marchiis Amajjii 1, irraa eegaluun hojjettoonni appii irratti bu’uureffatan sababa maaliif hojii irraa akka dhaabsifaman, dhaabbati neetiworkii murtoo isaa murteessuuf odeeffannoo akkamii akka fayyadame, akkasumas akkamitti mormuu akka danda’an beekuuf mirga akka qaban”jechuun dubbatani.. “OLS hojjettootaa fi dhaabbilee neetiworkii lamaan isaaniif dhaqqabummaa fi barnoota kennuudhaan namni hundi mirgaa fi itti gaafatamummaa seera haaraa kanaan akka beeksisu gochuuf waadaa galeera.”
Odeeffannoo fi maddeen dabalataa waa’ee Labsiin Mirga Hojjetoota Aappii Irratti Bu’uureffatanii Dhaabsisuu fi seerota hojjetaa appii irratti bu’uureffatan kannen akka Kaffaltii Yeroo Dhukkubaa fi Yeroo Nageenyaa Hojjetaa Appii-Irratti Bu’uureffatee akkasumas Labsii Kaffaltii Xiqqaa Hojjetaa Aappii Irratti Bu’uureffatee daawwachuuf maaloo fuula marsariitii Labsii Hojjetaa Aappii Irratti Bu’uureffatee OLS as cuqaasuudhaan daawwadhaa. Gaaffii yoo qabaattan, maaloo 206-256-5297 irratti bilbilaa yookan iimeelii laborstandards@seattle.gov irratti ergaa.
- Gargaarsa Dhaabbattoota neetiworkiif: deeggarsa istaandardii hojjettoota Seattle wal simu bilisaa fi dhuunfaa argachuuf lakk 206-256-5297 irratti bilbilaa, imeelii gara business.laborstandards@seattle.gov yookiin as tuquun unka gaaffii marsariitii irratti guutaa.
- Gargaarsa hojjetootaa fi hawaasaa aappii irratti bu’uureffatanii: gaaffii gaafachuuf, komii dhiyeeffachuuf, yookaan odeeffannoo kennuuf, 206-256-5297 irratti bilbilaa, iimelii gara workers.laborstandards@seattle.gov, yookaan as tuquun unka marsariitii irraa guutaa.