Hatattammaan Kan Gadhifamuu
Qunnamtii: Cynthia Santana/Atattamaan kan gadhiifamu
206-256-5219
cynthia.santana@seattle.gov
Waajjiri Sadarkaalee Hojjettoota Siyaatil miindaa xiqqaa bara 2024 Siyaatil beeksisa
Siyaatil, WA – (Onkoloolessa 19, 2024) – Waajjiri Sadarkaalee Hojjettoota Siyaatil (OLS, Seattle Office of Labor Standards) dabalama miindaa xiqqaa Siyaatil kan Amajji 1, 2024 hojiirra oolu beeksisa. Daballiin miindaa xiqqaa waggaa waggaan taasifamuu Ajaja Seeraa Miindaa Xiqqaa (Minimum Wage Ordinance)‘n kan gaafatamuudha. Miindaa xiqqaan haala baqattummaa hojjetaa ilaalcha keessa utuu hin galchin hojiirra oola. Daballiin miindaa xiqqaa Consumer Price Index (CPI, Agarsiistu Gatii Maamilaa) naannoo Tacoma Bellevue Siyaatil irratti hundaa’uun hammeentaa qaala’iinsa jireenyaa kan agarsiisu taha.
- Miindaa xiqqaan bara 2024 qaccartoota gurguddoo ta’aniif (hojjettoota 501 yookaan isaa ol qaban) $19.97/sa’aatiitti dha.
- Miindaa xiqqaan bara 2024 qaccartoota xixiqqaa ta’aniif (hojjettoota 500 yookaan isaa gadi qaban) kan fayidaalee wal’aansa hojjetaaf yoo xiqqaate $2.72/sa’aatiitti hin kanfallee fi/yookaan bakka itti hojjetaan yoo xiqqaate tiippii (gurshaa) $2.72/sa’aatiitti hin arganne $19.97/sa’aatiitti dha.
- Miindaa xiqqaan bara 2024 qaccartoota xixiqqaa kan fayidaalee wal’aansa hojjetaaf yoo xiqqaate $2.72/sa’aatiitti kanfalanii fi/yookaan bakka itti hojjetaan yoo xiqqaate tiippii (gurshaa) $2.72/sa’aatiitti argatu $17.25/sa’aatiitti dha.
“Seattle biyyattii keessatti mindaawwan xiqqaa olaanaa biyya ta’e kan qabdu keessaa tokkoo dha– magaalaa namoonni hojjetan itti jiraataniifi itti dagaagan uumuuf waadaa ifa ta’e,” jedhan kantiibaan magaalattii Bruce Harrell. “Imaammatootaa fi sagantaalee namoota hojjetan deeggaran tarkaanfachiisuu fi Siyaatil mirgoota hojjettootaaf dallaa taate akka itti fuftu mirkaneessuu itti fufna.”
Ajaja Seeraa Miindaa Xiqqaa hojjettoota daangaalee magaalaa keessatti hojjetaniif miindaa xiqqaa kaa’eera. Miindaan xiqqaa Siyaatil yeroo ammaa 2023 qaccartoota gurguddaa fi qaccartoota xixiqqaa kan fayidaalee wal’aansa hojjetaaf yoo xiqqaate $2.19/sa’aatiitti hin kanfallee fi/yookaan bakka hojjetaan itti yoo xiqqaate tiippii $2.19/sa’aatiitti hin arganne $18.69/sa’aatiitti dha. Qacartoonni xixiqqaan kan faayidaalee wal’aansaa hojjetaaf yoo xiqqaate $2.19/sa’aatiitti kanfalanii fi/yookaan bakka itti hojjetaan yoo xiqqaate tiippii (gurshaa) $2.19/sa’aatiitti argatu $16.50/sa’aatiitti kanfalu.
Waajjiri Sadarkaalee Hojjettoota Siyaatil poostara bakka hojii haareffame kan odeeffannoo sadarkaawwan hojjetaa bara 2024 of keessaa qabu dhaabbata daldalaa heyyama daldalaa Siyaatil qabu hundaaf karaa poostaa ni erga. Garagalchiiwwan poostara bakka hojii Afaan Ingiliffaa fi hiikkaan afaanota biroo 29 yeroo dhiyootti ni dhiyaata. Sadarkaawwan hojjetaa Siyaatil haareffame kan yeroo dhiyoo ilaalchisee Barruu oduu Waajjiri Sadarkaalee Hojjettoota Siyaatil argachuu Waajjiri Sadarkaalee Hojjettoota Siyaatil marsarratti galmaa’aa.
- Gargaarsa daldalaatiif: hojiira oolmaa miindaa xiqqaa Siyaatil fi sadarkaawwan hojjetaa kan biroo irratti deggersa bilisaa fi dhuunfaa argachuuf, 206-256-5297 irratti bilbilaa, imeelii gara business.laborstandards@seattle.gov ergaa yookaan as tuquun guca gaaffii marsariitii irratti guutaa.
- Gargaarsa hojjetootaa fi hawaasaaf: gaaffii gaafachuuf, komii dhiyeeffachuuf, yookaan odeeffannoo kennuuf, 206-256-5297 irratti bilbilaa, iimelii gara workers.laborstandards@seattle.gov, ergaa yookaan as tuquun guca marsariitii irraa guutaa.
###