Atattamaan kan gadhiifamu
Qunnamti: Cynthia Santana /Hooggantuu Quunnamtii
206-256-5219
cynthia.santana@seattle.gov
Office of Labor Standards miindaa xiqqaa bara 2023 Siyaatil beeksisa
Siyaatil, WA – (Onkololeessa 4, 2022) – Seattle Office of Labor Standards (OLS, Waajjiri Istaandardiiwwan Hojjetaa Siyaatil) dabalama miindaa xiqqaa Siyaatil kan Amajji 1, 2023 hojiirra oolu beeksisa. Daballiin miindaa xiqqaa waggaa waggaan godhamu Minimum Wage Ordinance (Ajaja Seeraa Miindaa Xiqqaa)’n kan gaafatamuu dha. Miindaa xiqqaan haala baqattummaa hojjetaa ilaalcha keessa utuu hin galchin hojiirra oola. Daballiin miindaa xiqqaa Consumer Price Index (CPI, Indeksii Gatii Fayydamtootaa) naannoo Takooma Brementen Siyaatil irratti hundaa’uun hammeentaa qaala’iinsa jireenyaa kan agarsiisu taha.
- Miindaa xiqqaan bara 2023 dhaabbattoota gurguddaa (hojjetoota 501 yookaan isaa ol qabanii) $18.69/sa’atiitti dha.
- Miindaa xiqqaan bara 2023 dhaabbattoota xixiqqaa (hojjetoota 500 yookaan isaa gadi qaban) kan fayidaalee medikaalaa hojjetaaf yoo xiqqaate $2.19/sa’atiitti hin kanfallee fi/yookaan bakka itti hojjetaan yoo xiqqaate tiippii (gurshaa) $2.19/sa’atiitti hin arganne $18.69/sa’atiitti dha.
- Miindaa xiqqaan bara 2023 dhaabbattoota xixiqqaa kan fayidaalee medikaalaa hojjetaaf yoo xiqqaate $2.19/sa’atiitti kanfalanii fi/yookaan bakka itti hojjetaan yoo xiqqaate tiippii (gurshaa) $2.19/sa’atiitti argatu $16.50/sa’atiitti dha.
Minimum Wage Ordinance hojjetoota daangaa magaalaa keessatti hojjetaniif miindaa xiqqaa kaa’eera. Miindaan xiqqaa Siyaatil yeroo ammaa dhaabbatoota gurguddaa fi dhaabbatoota xixiqqaa kan fayidaalee medikaalaa hojjetaaf yoo xiqqaate $1.52/sa’atiitti hin kanfallee fi/yookaan bakka hojjetaan itti yoo xiqqaate tiippii $1.52/sa’atiitti hin arganne $17.27/sa’atiitti dha. Dhaabbatootni xixiqqaan kan fayidaalee medikaalaa hojjetaaf yoo xiqqaate $1.52/sa’atiitti kanfalanii fi/yookaan bakka itti hojjetaan yoo xiqqaate tiippii (gurshaa) $1.52/sa’atiitti argatu $15.75/sa’atiitti kanfalu.
OLS’n poostara bakka hojii haareffame kan odeeffannoo istaandardiiwwan hojjetaa bara 2023 of keessaa qabu dhaabbata daldalaa heyyama daldalaa siyaatil qabu hundaaf karaa poostaa ni erga. Garagalchi poostara bakka hojii (afaan Ingiliffaan) buufachuuf yeroo ammaa marsariitii OLS irratti ni argama. Posteroonni afaanota biroo 25’tti hiikaman marsariitii (interneeta) irra OLS fuulli Afaanotaa as jira irratti argama.
Barruu oduu OLS haareffama isa dhumaa istaandardiiwwan hojjetaa marsariitii OLS irraa argachuuf galmaa’aa.
- Gargaarsa dhaabbata daldalaaf: hojiira oolmaa miindaa xiqqaa Siyaatilii fi istandardiiwwan hojjetaa kan biroo irratti deggersa bilisaa fi dhuunfaa argachuuf, 206-256-5297 irratti bilbilaa, imelii gara business.laborstandards@seattle.gov ergaa yookaan as tuquun guca gaaffii marsariitii irratti guutaa.
- Gargaarsa hojjetootaa fi hawaasaaf: gaaffii gaafachuuf, komii dhiyeeffachuuf, yookaan odeeffannoo kennuuf, 206-256-5297 irratti bilbilaa, iimelii gara workers.laborstandards@seattle.gov, ergaa yookaan as tuquun guca marsariitii irraa guutaa.
####